Anis gaheekoo nan bahadha. Afaan Oromoo afaan Tekinolojii gochuf gahe keenya haa bahannu!
Post
test
Wednesday, June 10, 2020
Kutaa 2ffaa : Doggogoraa namootaa koompitaratti fayyadamuf yeroo jalqaban mudatan murasa.
6ffaa: Waanta hojjetaan ol hin kaa’an(Don’t Save their work).
Waantoota akka dookumentii yeroo hojjetaan ykn kan biroo osoo hojjechaa jiranii callisanii cufuu. Koompitarrii ofisatii waan inni ol kaa’uu waan itti fakkatuuf. Waliindha interneetaa( Internet Connection) yoo adda cite, Mosajjiin yoo miidhamee ykn ibsaan yoo bade koompitarrii keenyaa hojii Keenya ol hin kaa’uu.
7ffaa: Mosajjiilee garaagaraa osoo hin barbaachisiin wal irrattii banu.
Mosajjiilee garaagaraa wal irratti banuun koompitarrii keenyaa akka inni hojiisattii dadhabaa ykn tirataa ta’u godha kanaf akka inni jaatanawuu tasisaa. Kanafuu yeroo itti fayyadamnne xumurruu mallatoo “X” kan harka mirgaa garaa gubbaa jiruu tuqun cufnee mosajjii kan biroo fayyadamnnaa jechuu dha.
8ffaa: Salphattii harkaa kiyessitoota(Phisher) ykn basaastootaa(Spyer) galuu.
Akkumaa “3ffaa” irratti kaaseen callisanii E-mail ergaman banuun akka nutii harkaa kiyessitoota galluu nu taasisuu danda’aa. Salphaatti harkaa hatuxxee(Hacker) galuu kanaf of eegachuun gaarii dha.
9ffaa: Humnna ibsaa aladhufee kallatiidhaan fayyadamuu.
Humnaa ibsaa ala dhufee osoo # Regulator hin fayyadamiin itti fayyadamuun koompitarrii keenyaa yeroo ibsaan ol ka’uu ykn gadi bu’uu akka miidhamuu taasisaa. Kanaf # Regulator ykn
# UPS fayyadamuun gaarii dha.
10ffaa: Meeshaa Kompitaraa hedduu barbaachisaa hin taanee bituu.
Kun immoo mallaaqaa akka hin taaneettii akka ba’u waan tasisuuf meeshaa hedduu isin hin barbachisnnee bituun garii miti.
.
Galatoomaa!
Facebook :Miiltoo Tech hordofuun dagatiinaa.
Subscribe to:
Post Comments (Atom)
Embracing Friendly Learning in Afaan Oromoo Language
Welcome to Miiltoo Tech, a community dedicated to providing friendly teaching in Afaan Oromoo Language. "Miiltoo" means being a ...
-
Welcome to Miiltoo Tech, a community dedicated to providing friendly teaching in Afaan Oromoo Language. "Miiltoo" means being a ...
-
Facial Recognition Glass jedhama. Innis kaninni kalaqamef yakka to'achuuf. Fuullen ijaa kun ofirraa #Kaameraa_HD fi 5G #Internet_Connec...

No comments:
Post a Comment