Doggogoraa namootaa koompitaratti fayyadamuf yeroo jalqaban mudatan murasa.
1ffaa: Waan tokko osoo hin dubbisin itti fufi( Next) ykn tole( Ok) jedhu.Obsa dhabuun callisanii itti fufi ykn tole jedhu. Kun immoo wantii barreffamee sun akeekkachisaa ykn waliigalttee waan ta’uf dubbisun garii dha.
2ffaa: Kallattii hin taaneen cufuu(Turn off improperly)
Fknf: Osoo Window media player’n muziqaa dhaggefatanii “power button” tuqu, Mosajjiin oso hojii hojjetanii oso mosajjiicha hin cufiin “power button” tuquu fi.k.k.f. Kun immoo miidhaa hedduu qaba. Kanneen akka faayilaa Keenya ballessuu fi mosajjiin sana hojii dhaabsisuu. Kanaf seeran(properly) cufuun garii dha.
3ffaa: Maxxansa walmakaa(Attachment) E-mail irraa ergaamee enyummaa nama sana osoo addaa hin basin banuu.
Kun rakkoo hamaa kessaa nu galchuu danda’aa. Namonnii nu hordofaan kara E-mail keenyaa waantoota akkasii nutti erguun nu kiyyessuu danda’uu. Akkasumas qiinqanii fi malware dhaan akka koompitarrii keenyaa miidhaamuu godha. Waanta argan callisanii banun gaarii miti maaliif dhufee? Eenyuutu ergee? Dhimmaa maalif erganii? Namnni ergee nama akkamii dha? E-mail kee essaa argatee? fi.k.k.f of gaafachun gaarii dha.
4ffaa: Mosajjii sirri hin taane fi madda isaa hin beeknee buusuu(download) fi ijaaruu(install) dha.
Yeroo baay’ee kompitarrii keenyaa akka innii qiinqaniidhaan miidhamuu kan godhuu mosajjii basaasaa (Spyware Application) osoon beekiin buusuf ijaaruudhaanii. Yeroo hedduu Mosajjii tola(Free Software) ta’an sakataa’uun gaarii dha. Waan mallaqaa hedduu nu hin baasisnne qofaaf itti fayyadamuu hin qabnuu. Madda isaa eessaa? Dagaagsaann mosajjii kana nama akkamii dha? Kan jedhufaa ilaalun gaarii dha.
5ffaa: Mosajjii Opireetiinggii siistemii(Operating System) hin haromsaan.
Jijjiiramnnii tiraanna Kompitaraa guyyaa guyyaattii waan haaraa qabatee dhufaa. Kanaaf yeroo yeroottii haroomsun gaarii dha sababnisaa yeroo haara’uttii waan haaraa qabatee dhufaa.
Itti fufa
Follow our Facebook click here.

No comments:
Post a Comment